Doktar Abiy Ahimad Pireezdaantota biyyoota garaagaraa waliin mari’atan

49

Finfinnee, Amajjii 28/2014 (TOI)- Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad Pireezdaantii Jibuutii, Zaambiyaa, Somaaliyaa akkasumas Ittaanaa Barreessaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waliin mari’ataniiru.

Doktar Abiy Ahimad Pireezdaantii Jibuutii Ismaa’eel Uhar Giilee, Pireezdaantii Zaambiyaa Haakaayindee Yiichileemaa, Pireezdaantii Soomaaliyaa Mahaammad Farmaajoo akkasumas Ittaantuu Barreessaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Amiinaa Mahaammad waliin kan mari’atan.

Doktar maricha kan taasisan yaa’ii hoggantoota Gamtaa Afrikaa magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jiru cinaatti.

Marii isaaniitiin dhimmoota gam-lamee, naannawaa, ardiichaa fi idil addunyaarratti ta’uu ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015