Meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 23tti tilmaamaman to’ataman

51

Amajjii 27/2014 (TOI) – Guyyoota 2 darbanitti meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 23tti tilmaamaman to’atamuu Komishiniin Gumuruukaa Itoophiyaa beeksise.

Meeshaaleen kunneen kan to’ataman dukkana da’eeffachuun gara giddugala biyyaatti seensisuuf osoo yaaliin taasifamuu ta’uu Komishinichatti Dursaan Garee Ittisa Kontiroobaandii obbo Alamuu Yimar ibsaniiru.

Haaluma kanaan gaafa Amajjii 25, 2014 meeshaaleen uffataa fi qorichoonni Birrii miiliyoona 10tti shallagaman Godina Shiniilee aanaa Muuluurraa gara aanaa Gawwaaneetti osoo dabarfamuuf jedhanii to’atamuu ibsaniiru.

Bifuma Walfakkaatuun Amajjii 26, 2014 halkan keessaa naannoo sa’aatii shanii konkolaattonni lama meeshaalee kontiroobaandii Birrii miiliyoona 13 fi kuma dhibba 1 tilmaamamu fe’anii to’atamuu eeruuniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015