Doktar Liyaa fi Ambaasaaddarri Xaaliyaan marii damee fayyaa jabeessuuf gargaaru taasisan.

45

Amajji, 25/2014(TOI) - Ministirri Fayyaa doktar Liyaa Taaddasaa fi Itoophiyaatti amabaasaaddar Xaaliyaanii Agostiinoo Paleesee marii deeggarsa damee fayyaarratti taasifamu cimsuuf gargaaru taasisan.

Marii isaanii kanaan dhimmoota biyyatiitti deeggarsa damee fayyaarratti taasifamu cimsuu fi weerara Vaayirasii koroonaarratti qindoominaan hojjechuu ilaallaturratti mari'ataniiru.

Doktar Liyaan deeggarsa Xaaliyaan Itoophiyaaf damee fayyaarratti taasiftuuf galateeffataniiru

Ambaasaaddar Agoostiinoo Paleeseenis Itoophiyaafi Xaaliyaan hojii damee fayyaa irratti qindaa'anii hojjetan kan itti fufan ta'uu himaniiru.

Xaaliyaan deeggarsa weerara Vaayirasii koroonaa ittisuuf taasifamu cimsitee kan itti fuftu ta'uu ambaasaaddarichi dubbachuu ragaan Itoophiyaatti Imbaasii Xaaliyaan irraa argame ni muli'isa

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015