Dhaabbileen Miidiyaa yaa'ii hoggantoota Gamtaa Afrikaa akka carraatti fayyadamuun maqaa gaarii Afrikaa addunyaatti beeksisuu qabu.

53

Amajji, 25/2014(TOI) - Dhaabbileen Miidiyaa yaa'ii hoggantoota Gamtaa Afrikaa Finfinneetti geggeeffamu akka carraatti fayyadamuun maqaa gaarii Afrikaa addunyaatti beeksisuu akka qaban Abbaan taayitaa miidiyaalee Itoophiyaa beeksise.

Yaa'iin hoggantoota Gamataa Afrikaa Sanbata duraa fi Dilbata dhufu kan geggeeffamu yoo ta'u walga'iin Mana Maree Hojii Raawwachiiftoota gamtichaa 40ffaan immoo har'aafi bor geggeeffama.

Yaa'ichis mata duree '' Ijaarsa dandeettii sirna nyaata Afrikaa ijaaruu, Misooma humna namaa, Misoomaa ginagdeefi Hawaasumaa ariifachiisuu'' jedhuun geeggeffama jedhameera.

Daarektarri olaanaa Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Itoophiyaa Mahaammad Idiris, dhaabbileen miidiyaa haala walii galaa yaa'ichaa hawaasa biraan gahuun cinaatti maqaa gaarii Afrikaa addunyaa hubachiisuuf xiyyeeffannoo kennuu akka qaban TOI tti himaniiru.

Yaa'iin hoggantoota Gamtaa Afrikaa yeroo isaa eeggatee Itoophiyaatti geeggeeffamuun Itoophiyaaf milkaa'ina guddadha kan jiedhan obbo Mahaammad Idiris dhugaa Itoophiyaa addunyaa caalaatti hubachiisufis carraa guddadha jedhaniiru.

Yaa'ii kana gabaasuuf Gaazexesitoota biyya keessaa 300 fi kan biyya alaa 200 ni argamus jedhaniiru. Kunis ajandaa, yaa'ichi qabatefi muteewwan darban hawaasa qaqqabsiisuuf humana guddaa ta'uu himaniiru.

Gaazexeesitoonni yaa'icha gabaasan gabaasawwan idileen hojjetan cinaatti haala qabatamaa fi dhugaa Afrikaa addunyaa hubachiisuuf kan gargaruu ta'uu himaniiru.

Gaazexeesitoonnis rakkoo tokko malee yaa'icha akka gabaasaniif haaloonni hundi mijachuufii himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015