Rakkoon itti fayyadama bajataa dhaabbilee barnoota ol’aanaa keessatti mul'atu hin fooyyofne

73

Finfinnee Mudde 17/2011 Ministeerri barnootaa rakkoo itti fayyadama bajataa dhaabbilee barnootaa ol aanaa keessatti mul'atu fooyyessuu akka hin dandeenye ibsame.

Manni maree bakka bu'oota uummataa koree qindoominaa kan yeroo, hojmaata, furmaata argannoo odiitii dhaabbilee barnoota olaanaa waliin maree adeemsiseera. 

Koreen hundaa'e kun baatii jaa'aaf argannoo odiitii dhaabbilee barnootaa olaanaa irratti hordoffii fi to'annoo gochaa turuun isaa hubatameera.

Wayita sana akka ibsametti argannoowwan odiitii kana dura adeemsifameen yuunivarsiitii hunda keessatti hir'inni maallaqaa akka jiru hubatamee ture.  

Odiitarri olaanaa obbo Gammachuu Dubbisoo akka jedhanitti, dhaabbilee barnootaa olaanaa keessatti akkaataa argannoowwan odiitiidhaan mirkanaa'een  qabeenya mootummaaf galii ta'uu qabu galchuu irratti hanqinni guddaan mul'ateera.

Kafaltiin beenyaa  fi baasiiwwan seeraan alaa ijaarsa yunivarsiitiiwwanii waliin wal qabatan furmaata kan barbaadan waan ta'eef ministeerichi sirreessuu qaba jedhaniiru.

saamichi sababa bittaatiin uumamu mana hojii ministeerichaa waliin qindoominaan kan hojjetu ministeerri maallaqaa meeshaaleen al tokko bitaman wayitaawaa ta'uu isaanii xiinxaluu akka qabu yaadachiisaniiru.

Itti aanaan abbaa alangaa muummichaa  Galataa Siyyum daandii seeraa hordofuudhaan maallaqa ummataa fi mootummaa saamame deebisiisuuf qoannaa adeemsifameen dhaabbilee 170 irraa birriin biiliyoona 2 ol saamameera jedhaniiru.

Kana keessaa maallaqni yuunivarsiitiiwwan 20 keessaati qisaasame birrii miiliyoona 700 ol akka ta'e beeksisaniiru.

Af-yaa'iin mana maree bakka bu'oota uummataa Obbo Taagasee Caafoo wayita kana akka jedhanitti ministeerichi rakkoowwan dhaabbilee kanaa amma Amajjii 30 bara 2011tti akka hiikuu fi sirreeffama akka taasisu kallattii ka'ee ture.

Haa ta'u malee sirreeffama gochuu akka hin dandeenyee fi fuuldurattis sirna hojmaata isaa fooyyessuudhaan rakkoolee kana xiqqeessuu  akka qabu eeraniiru.

Yuunivarsiitonni qajeelfama cabsuudhaan qabeenya qisaasaa akka jiran argannoo odiitiidhaan mirkaneessuun danda'ameera kan jedha af-yaa'ichi, keessumaa ijaarsaaf,galtee barnootaa fi baasiin nyaata barattootaa qajeelfamaan ala akka raawwatamu gochuu isaanii eeraniiru. 

Kana booda koreen kun lakkoofsaanis, dandeettiidhaanis akka dabalu gochuudhaan amma Amajjii 30tti ministeerichi itti gaafatama kennameef akka ba'u ni taasifama jedhaniiru.

Ministirri barnootaa obbo Xilayee Geetee deebii kennaniin "argannoo odiitii akka hordofu guyyaan koreen manni maree bakka bu'oota uummataa bifa haaraan hundeessee kaa'e gabaabaa waan ta'eef rakkinicha yeroo kaa'ame keessatti hiikuun hin danda'amne,kanaaf yeroon ga'aan nuuf haa kennamu" jedhaniiru.

Ministeerichi Waxabajjii 30 bara 2010 irraa kaasee argannoo odiitichaa akka sirreessu fooyya'insa kennameef fudhachuudhaan wantoonni fooyyesse akka jirus eeraniiru.

Waxabajjii 30 bara 2010 raawwii furmaata argannoo odiitii koreen qindoominaa kan yeroof hundaa'e miseensota ministeera barnootaa fi maallaqaa, abbaa alangaa muummichaa fi odiitara olaanaa federaalaa irraa filataman of keessaa qaba.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015