Siidaan yaadannoo Gooticha Koloneel Bazzaabbih Pheexiroosiif hojjetame eebbifame

75

Amajji,22/2014(TOI) - Siidaan seenaa qabsoo Koloneel Bazzaabbih Pheexiroos agarsiisuu Naannoo saboota, sablamootaa fi Ummatoota Kibbaatti hojjetame eebbifame.

Siidaan kun Godina Haadiyyaa, Maagaalaa Hosaa'inaatti kan hojjetame yoo ta'u bakka pirezidaantiin naannichaa Obbo Ristuu Yirdaawu, Ajajaan olaanaa Humna Qilleensa FDRI Letenaal Jeneraal Hilmaa Mardaasaa, obboleessi koloneelichaa Pirefofesar Bayyanaa Pheexiroosiifi keessummoonni biroo argamanitti eebbifame.

Koloneel Bazaabbih Pheexiroos Miseensaa humna qilleensaa Itoophiyaa ta'anii waraanaa Itiyo- Somaalee fi Itiyo -Ertiriyaa irratti seenaa jabaa kan hojjetaan fi nama oolmaa guddaa biyya isaaniif oolanidha.

Jidduu magaalaa Hosaa'inaatti kan ijaaramee siidaan Koloneelichaa dheerinaa meetii 17.5 kan qabuufi lafa kaareemeetira 530 irraatti ijaarame.

Sidaan kun Waldaa Misoomaa Hadiyaan kan ijaarame yoo ta'u walii galaan siidaa kana ijaaree xumuruuf birrii miiliyoona 45.5 baasii gochuu EBC gabaasera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015