Pirojeektiin Seftineetii Misooma Magaalaa sadarkaa biyyaaleessatti marsaa 2ffaaf baajata Doolaaraa miiliyoona 500fI miliyoona 50’n Magaalaa Dirree Dawaatti ifatti jalqabame.

96

Amajjii 21/2014(TOI) - Pirojeektiin Seftineetii Misooma Magaalaa sadarkaa biyyaaleessatti marsaa 2ffaaf baajata Doolaaraa miiliyoona 500fI miliyoona 50’n Magaalaa Dirree Dawaatti ifatti jalqabame.

Waggoota 5 darbaniif Doolaaraa miiliyoona 400fi miliyoona 50’n Pirojeektiin Marsaa 1ffaa Magaaloota 11 irratti hojirraa oolaa ture xumuramee, marsaa 2ffaan guyyaa har’aa Magaalaa Dirree Dawaatti ifatti eegalameera.

Fayyadamtoonni pirojeektichaa hawaasummaafi sosochii dinagdee biyyattii keessatti hirmaannaafi fayyadamummaa isaanii akka dabaluu deeggaruuf hojjetamaa jiruun jalqabbiin hojii pirojeektichaa marsaa 2ffaa irratti himame.

Pirojeektiin Seftinetii Misooma Magaalaa marsaa 2ffaafi guyyaa har’aa hojii eegalu Magaaloota 11 kanaan dura marsaa jalqabaatti fayyadamoo ta’an dabalateee, magaalota 83 keessatti hojirraa kan oolu ta’a jedhame.

Baankiin Adduunyaafi Mootummaan Itiyoophiyaa remadaniin Doolaaraa Miiliyoona 500 fi miliyoona 50’n hojirraa kan oolu pirojeektiin marsaa 2ffaa kun namoota kuma 800fi kuma 15 hirmaachisuun fayyadamoo akka taasisu Ministeera Magaalaafi Misooma Bu’uuratti Qindeessaan Seftinetii Misooma Magaalaafi hojii pirojeektii obbo Mokonnin Yaa’ii himan. Sirna jalqabbii pirojeektii kanarraatti Ministiira Ministeera Magaalaafi Misoomaa Bu’uuraa Aadde Caaltuu Saanii dabalatee hoggantonni Federaalaafi Naannoolee argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015