Koree dhimma rakkoo naannawwaa mana amantaa Waabillaa Maaramitti uumamee qulqulleessuu hundeeffamuun qorannoorraa jira.

68

Amajji, 19/2014(TOI) - Koree dhimma rakkoo naannawwaa mana amantaa Waabillaa Maaramitti uumamee qulqulleessuu hundeeffamuun qorannoorraa jiraachuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksise.

Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa doktar Laggasaa Tulluu ibsa har'a kennaniin akka beeksisanitti, Rakkoo naannoo mana amantaa Kiristaanaa Wabillaa Maaramitti uumamee Poliisiin Federaalaa, Finfinneefi Oromiyaa waliin qindaa'uun dhimmicha bal'inaan qorachaa jira jedhaniiru.

Koreen kun akkuma qorannoo kana xumureen bu'aa qorannichaas uummataaf ifa kan godhu ta'uu himaniiru.

Rakkoowwan akka kana naannawwichatti yeroo sadi umameera. Kanaaf rakkoon kun bu'uura irraa akka furamuuf bulchiinsa magaalichaa, Abbootii amataa, Jaarsolii biyyaafi dargaggoonni waliin mari'atanii hojjetamaa jira.

Ta'ii gaddisiisaa Waabillaatti ta'ee irraan kan hafee naannaawwa rakkoo nageenyaa yaaddeessa qabu jedhaman godina qeellam wallagaa fi Wagimiraatti illee osoo hin hafiin ayyaanichi karaa nagaa kabajamuu doktar Laggasaan himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015