Tajaajila Metiroolojii ammayyeesuuf Ministeera Bishaaniifii Inarjii fi Mootummaan Fiinlaanid waliin hojjechaa jiru.

81

Amajji, 19/2014(TOI) - Tajaajila Metiroolojii ammayyeesuuf Ministeera Bishaaniifii Inarjii fi Mootummaan Fiinlaanid waliin hojjechaa jiru.

Deeggarsa Mootummaa Fiinlaandi irraa argameen ijaarsi Pirojektii raagaa ahaala qileensaa fi Dandeettii Meetirooloojii hojiitti galuu akka danda’e Ministeera Bishaaniifii Inarjii beeksise.

Pirojeektii kanaanis Raaddarota Raaga haala Qilleensaa Meetiroloojii dhaabuu, bakakkaa fi faalama qilleensaa ittisuuf, akkasumas ragaa haala qilleensaa qindaa’aa argachuuf hojiin 'Ismaart Meetii' dhaabuu akka hojjetame himameera.

Dhimma kanarrattis Ministiirri Bishaanii fi Inarjii Dr. Injiinar Habtaamuu Ittafaa, Itiyoophiyaatti Ambaassaddara FiinLaandi Ambaassaaddar Oyuutii Hoolooppooyinaan waliin waajjira isaaniitti mari’ataniiru.

Dr. Injiinar Habtaamuu Ittafaa deeggarsa Mootumman FiinLaand damee misooma bishaanii irratti taasisaa jiru dinqisifatanii, deeggarsa mootummaan FiinLaandi hojii damee Meetiroloojii irratti amma taasise kunis ragaa fi raaga haala qilleensaa qulqullina qabu argachuuf gargaara jedhan.

Ambaassaddar FiinLaand Oo’uutii Holopaayin gama isaaniitiin, mootummaan isaanii deeggarsa gama bishaanii fi dameelee kanneen birootiif taasisaa jiru fuula durattiis cimsee akka itti fufu beeksisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015