Yaa'ii hoggantoota Gamtaa Afrikaa 35ffaan Itoophiyaan qormaatawwaan ishee mudatan hundaa injifachuun kan ceete ta'uu kan ittiin addunyaatti agarsiifnudha.

68

Amajji, 19/2014(TOI) - Minsteerri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Yaa'ii hoggantoota Gamtaa Afrikaa 35ffaan Finfinneetti geggeeffamu Itoophiyaadhaaf injifannoo gama dippilomaasiin jiru isa guddaa ta'uun cinaatti Itoophiyaan qormaatawwaan ishee mudatan hundaa injifachuun kan ceete ta'uu kan ittiin addunyaatti agarsiifnudha jedhe.

Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa FDRI doktar Laggasaa Tulluu dhimma haala waqtaawaa irratti ibsa laataniiru.

Doktar Laggasaan ibsa isaaniin Itoophiyaan nageenya waaraa, Badhaadhinaafi fayidaa uummata ishee mirkaneessuu danda'an sadarkaa addunyaatti taatewwaan adda addaa qindeessuun hojjechaa jirti jedhaniiru.

Yaa'iin hoggantoota Gamataa Afrikaa 35ffaa torban dhufu Finfinneetti geggeeffamus qaama taatee kanaati jedhaniiru.

Yaa'iin hoggantoota Gamtaa Afrikaa kun sababa Vaayiraasii koroonaatiin osoo hin geggeeffamiin waggaa adda citee ture.

Yaa'iin kun akka hin geggeeffamniif yaaliin taasifamus hoggantoonni gamtichaa teessoo gamtichaa kan taatee magaalaa Finfinneetti akka geggeeffamu taasisuun isaanii deggarsa isaan Itoophiyaaf qaban kan muli'isedhas jedhaniiru doktar Laggaasaa Tulluu.

Murteen kun Itoophiyaaf injifannoo dippilimaasii isaa guddaadha kan jedhan ministirichi, yaa'iichi Itoophiyaan qormaatawwan ishee mudate hundaa injifachuun rakkoo mataa ishee ofiin furachuun kan itti fufte ta'uu hawaasa addunyaa maraatti kan ittiin agarsiifnu ta'as jedhaniiru.

Hirmaatoota yaa'ii kanarratti hirmaatanis akkataa aadaa biyyaatiin simannaafi keessummeessuumman kan taasifamuuf ta'uu himaniiru.

Nageenya naannoo eeguun hawaasni akkuma kanaan duraa ciminaan akka hojjetu waamichas taasisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015