UNICEF Karaa qulqullina barnoota foyyeessuuf deeggarsa taasisuu danda'urratti Ministeera Barnootaa waliin mari'ate.

135

Amajjii 17/2014 (TOI)- Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Dhaabbanni Gargaarsa Daa’immanii (UNICEF) Itoophiyaatti qulqullina barnoota fooyyeessuu fi hojiiwwan walqabataniin damichaa deeggaruuf Ministeera Barnoota waliin mari’ateera.

Ministirri Barnootaa Piroofeeser Birhaanuu Naggaa Itoophiyaatti itti aanaan UNICEF Mikaa’eel Seervadii waliin guyyaa qulqulliina barnootaa idil addunyaa sababeeffachuun marii taasisaniiru.

Marichaanis UNICEF Itoophiyaatti ogummaa hayyoota guddisuu, waliin ga’iinsa barnootaa fi akkasumas kenninsa qulqullinaa barnootaarratti deeggarsa taasisaan irratti mari’ataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015