Gareen shororkeessaa ABUT karaa godina Kiilbatii Rasuun ammas weerara jalqabuu Mootummaan Naannoo Afaar beeksiise.

49

Amajji, 16/2014(TOI) - Gareen shororkeessaa ABUT karaa godina Kiilbatii Rasuun ammas weerarajalqabuu Mootummaan Naannoo Afaar beeksiise.

Mootummaan naannoo Affaar kana ilaachisuun ibsa baaseen, gareen shororkeessaa ABUT weerara karaa godina Kiilbatii Rasuun aanalee Abiaa'alaa fi Magaalee baneen waraanaa cimsee itto fufuu beeksiseera.

Ibsachaan akka himameetti garichii gara laafummaa tokkoo kan hin qabnee ta'uu isaan meeshalee waraanaa gurguddaa hawaasa nagaa irratti dhukaasuun jeeqaa jira.

Gareen kun barootaaf uummata Affaari fi Tigaari nagaadhaan daangaa tokkoorra jiraachaa ture homaattu osoo hin lakkaa'iin uummatoota lamaan walittii buusuun bu'aa barbaadu irraa argachuuf dhamaa jiraachuus himameera.

Haleellaa raawwataa jiruunis uummata Affaar namoota nagaarratti xiyyeeffachuun hojii shororkeessuumma isaa babal'isaa jirachuu himameera.

Gareen shororkeessaa kun guyyaa har'aa qofaa karaa godina Kiilibaatii Raasuun daangaa Affaar cabsee galuun karaa aanaalee Abi'aalaa, Magaleefi Barahilee meeshaa waraanaa gurguddaa fayyadamuun lola baneen lammilee nagaa hedduu miidhuu ibsaa kanaan himaeera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015