" Naannoo Oromiyaatti Namoota 6 garee shororkeessaa Shaneen butaman gadilakkisiisuuf tattaafatamaa jira"

70

Amajji, 16/2014(TOI) -Namoota garee shororkeessaa Shaneen ukkaamfamanii fudhataman 6 deebisuuf hojjechaa jiraachuu koreen waloo nageenyaa federaalaa beeksise.

Barattoota shaniifi daldalaa tokko walumatti namoota jaha otoo Finfinneedhaa gara Asoosaatti imalaa jiranii Godina Wallagga Bahaa, Aanaa Sayyoo, bakka addaa Baafaanoo jedhamutti kaleessa naannawa sa’aatii 10:00tti Shaneedhaan ukkaamfamanii fudhataman gadilakkisiisuuf socho’aa jiraachuu koreen Waloo Tikaafi nageenyaa Federaalaa beeksisera.Bu’aa argamus yeroo ittaanutti ummataaf kan ibsu ta’uu eereera.

Tarkaanfii qindaa’aa qaamoleen nageenyaa federaalaa fi qamolee nageenyaa naannoo Oromiyaan irratti fudhachaa jiraniin gareen shororkeessaa Shanee barbadaa’aa jiraachuu ibsichaan eerameera.

Ha ta’u malee qaamoleen garichaa tokko tokko bakkeewwan garaagaraa da’eeffachuun lammiileerra gochoota akka kanaa raawachaa jiraachuu ibsameera.

Tarkaanfiin qaamoleen nageenyaa garicharratti fuidhatan cimee kan itti fufu ta’uu ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015