Bulchiinsa Godina Saba Oromootti konfiraansiin uummataa gaggeeffamaa jira.

65

Amajjii 16/2014 (TOI)- Naannoo Amahaaraa Bulchiinsa Godina Saba Oromootti konfiraansiin Uummataa gaggeeffamaa jira.

Konfiraansicharratti pireezdaantiin naannoo Amaaraa Dooktar Yiliqaal Kaffaalaa, itti aantuu Mana Maree Af Yaa’ii naannichaa aadde Faantuu Tesfaayee, hoggantoonni hojii mootummaa olaanoon naannichaa, godinaa fi aanaa akkasumas hoggantoonni naannoo Affaar argamaniiru.

Konfaraansichaan uummattoota oolla bulchiinsichaa waliin hariiroo uummataa fi uummataa gidduu jiru cimsuuf, dhiibbaa namoomaa fi meeshalee waraanichaan qaqqabee beeksisuuf, qaamolee birmaddummaa biyyarratti hirmaataniifi beekkamtii laachuu misoomni cimee akka itti fufuu gochuuf kan kaayyeffatedha jedhameera.

Sagantichaan Igziibishinii suuraa miidhaa waraanaan qaqqabee agarsiisuu fi qophiiwwan addaa addaa agarsiisaaf dhiyaataniiru.Maddi:-AMK

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015