"Guddina Itoophiyaa dhugoomsuuf dhaabbilee cimsuurratti hojjetamuu qaba"

61

Guddina Itoophiiyaa dhugoomsuuf dhaabbilee jabbeessuurratti hojjetamuu akka qabu Gaazexeessituu Hermeellaa Aragaawii himte.

Dhimmoota biyyaafi idilddunyaa hedduurratti gaazexesitoota waliin marii kan taasifte gaazexessituu Hermeellaan Itoophiyaatti guddina waaraafi hunda galeessa fiduuf dhaabbilee jabeessuun hojii duree hundaa ta'uu qaba jette.

Dhaadannoon #No More bu'aa barbaachisu fideera kan jettu Hermeellaan fulduratti haalaa tokkumma Afrikaanota cimsuun guddinaa waloofi dhiibbaa hinmalle taasifamu qolachuun danda'amurratti akka xiyyeeffattu beeksisteetti.

Haalli miidiyaa idiladdunyaa hedduu irra dhaga'aa turteefi haalli biyyattiin keessa jirtu walhinarguu jechuun, miidiyaan Itoophiiyaa keessa jiran of cimsuun oddefannoo dhugaafi haala qabatamaa biyyattii hawaasa idil-Addunyaaf beeksisuurratti hojjechuu akka qaban dhaamteetti. OBN

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015