Teeknooloojii fi meeshaan ammayyaa hidhanne bakka fuulleffate adda baasee kan rukutu waan ta’eef namoota nagaa hin miidhu – Leetanaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa

68

Finfinnee, Amajjii 14, 2014 (TOI) – Teeknooloojii fi meeshaan ammayyaa humni Qileessaa keenya hidhate bakka fuulleffate adda baasee kan rukutu waan ta’eef namoota nagaa hin miidhu jedhan Ajejaa olaanaan Humna Qilleensaa Leetanaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa.

Himanni gareen shororkeessaa ABUT Humni Qilleensaa Itoophiyaa lammiilee nagaa haleelaa jira jechuun dhiyeessu olola dhugaarraa fagaate ta’uu Leetanaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan ibsaniiru.

Humni Qilleensichaa balaa birmadummaa Itoophiyaarratti fuullaffate qolachuuf ga’ee irraa eegamu ga’umsaan ba’uun biyya diigamuuraa baraaruu himaniiru.

Haleellaa qaama kamiiyyuurraa raawwatamu qolachuuf fi tarkaanfii deebii fudhachuuf ga’umsa guuturratti kan argamu ta’uu eeraniiru.

Humni Qilleensaa Ityoophiyaa yeroo gara yerootti humna namaa ga’umsa qabuu fi Teeknooloojii Ammayyaan gurmaa’aa jiraachuu himaniiru.

Teeknooloojii bakka fuulleffate adda baasee rukutu waan ta’ee lammiilee nagaarraa miidhaan qaqqabsiis hin jiru jedhan.

Humni qilleensichaa bu’uura ummataa fi namuusa gaariin kan ijaarrame ta’uu isaan oppireeshinii gaggeessu kamirrattuu lammiilee nagaarratti haleellaan qaqqabsiisu hin jiru jedhan.

Humni qilleensichaa nageenya naannoo Qilleensaa Itoophiyaa sodaarraa bilisa akka ta’u eeguun piroojektoonni gurguddoon sadarkaa biyyattii hojjetamaa jiran rakkoo tokko malee akka xumuranii fi tajaajila barbaaddamuuf akka oolan halkanii fi guyyaa hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015