Ji'a jaha Keessatti qofaa yaaliin haleellaa Sayiibarii kuma 2 ol raawwateera.

81

Amajji, 14/2014(TOI) - Itoophiyaatti ji'a jaha keessatti qofaa yaaliin haleellaa Saayibeerii kuma 2 ol raawwachuu Ejensiin nageenyaa odeeffannoo beeksise.

Daarektarrii Ejensichaa doktar Shuumatee Gizaawu akka Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatti himanitti, haleellaan Saayibeerii taasifamee kun lakkoofsaan kan kanaan dura ture caalaa dabaleera.

Yaaliin haleellaa saayiberii ji'a jaha keessaatti raawwatame kunis bara darbee waggaa guutuu kan yaalame waliin kan wal gitu ta'uu himaniiru.

Doktar Shuumateen akka jedhanitti bara darbe yaalii haleella Saayibeerii hamaa kuma 2 fi dhibba 8 ol kan raawwatamee yoo ta'u hundumaasaayyu qolachuun akka danda'amee himaniiru.

Bara kanas baatii jaha keessaatti yaaliin walfakkaataa taasifamuus hundayyuu qolachuun danda'ameera jedhaniiru.

Akkuma itti fayyadaminni tekinolojii dabalaa deemeen kanneen damee kana irratti yakka hojjechuuf kaayyeeffatan dabala akka jiranis himaniiru.

Qaamoleen biyyarratti yakka cimaa hojjechuu barbaadan qamaan biyya keessa galanii yakka barbaadan hojjechuu waan hin dandenyeef haleellaan Saayiberii meeshaa cimaa isaan itti fayyadaman akka ta'ees doktar Shuumateen himaniiru.

Haleellaawwan yaalaman kunneen osoo milkaa'aniifiru ta'ee tarii har'a biyyi rakkoo cimaa keessa galuu dandeessi jechuunis hagaam yakkichi cimaafi yaaddeessa akka ta'e himaniiru.

Rakkoo kana caalaatti qolachuufis Ejensichi hojiiwwaan adda addaa hojjechaa jiraachuus himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015