Gaazexeessituun Hermeellaa Aragaawii, Paarkii Indaastiri Boolee Lammii daawwatte. - ENA Afaan Oromoo
Gaazexeessituun Hermeellaa Aragaawii, Paarkii Indaastiri Boolee Lammii daawwatte.
Amajji 13/2014(TOI) - Gaazexeessituu Hermeellaa Aragaawii, hojii Paarkii Indaastirii Boolee Lammii daawwatte.
Sagantaa daawwanna kana irratti itti aanaan hojii geggeessa Korporeeshinii Misooma Paarkii Indaastirii obbo Shifarraa Salamoon dabalatee hoggantoonni fi hojjetoonni Korporeeshinichaa simannaa taasisaniifiru.
Gaazexeessituu Hermeellaanis Paarkii Indaastiri Boolee Lammiitti, dhaabbilee oomishan, oomishaalee oomishamanifi adeemsa oomisha isaanii akkasumas sosochii hojii waliigalaa paarkichaa daawwatteetti.
Hermeellaan simannaa Paarkivhatti taasifameef kan galateeffattee yoo ta'u hojii argiteettis gammaduu ishee himteetti.
Gara fuula duraattis Paarkiiwwan idaastirii biroo daawwachuuf fedhii akka qabdu himteetti.
Hermeellaan yeroo dhihoo Waamicha biyyaa fudhachuun gara Itoophiyaa kan dhufte dhalattuu Itoophiyaati.