Manni maree Ministeerootaa dhimmoota adda addaarratti mariyachuun murtee dabarse.

67

Amajji, 12/2014(TOI) - Manni Maree Ministeerootaa walga'ii idilee 4ffaa har'a geggeesseen dhimmoota adda addaarratti mariyachuun murtee dabarsuu Waajjiri ministira Muummee beeksiseera.

Haaluma kanaan,

1.Manni marichaa wixinee labsii ijaarsa, aangoo fi hojmaata Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa murteessuuf dhiyaateerratti mariyachuun labsichii har’aa eegalee hojiirra akka ooluu murtesseera.

2.Wixinee labsii geejjibaa dhiyaateerratti mari’achuun wixinichi Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa wixinicha ilaaluun akka mirkaneessuu qajeelcheera.Wixinee labsii nageenyaa daandii fi tajaajila fandii inshuraansii hundeessuuf dhiyaateerratti gadi fageenyaan erga mariyatee booda yaadoonni maricharratti dhiyaatan galtee ta’uun erga itti dabalamanii booda guyyaa gaazexaa Nagaariitirratti maxxanfameerra eegalee hojiirra akka ooluu murteesseera.

3.Manni Marichaa wixinee labsii mirkaneessa ga’umsa konkolaachiftoota dhiyaateerratti mariyachuun yaadoonni maricharratti dhiyaatan galtee ta’uun erga itti dabalamanii booda guyyaa gaazexaa Nagaariitirratti maxxanfameerra eegalee hojiirra akka ooluu murteesseera.

4.Wixinee labsii saffisaa konkolaachiftoota motoraa murteessuuf ba’erratti mari’ateera.

Marii kanaan saffisni konkolaachiftoota balaa tiraafikaafiif ka’umsaa olaanaa ta’uun rakkichaaf furmaata waaraa kaa'uun barbaachisaa ta’ee ergamuun ergarratti waliigalamee booda yaadoonni maricharratti dhiyaatan galtee ta’uun erga itti dabalamanii guyyaa gaazexaa Nagaariitirratti maxxanfameerra eegalee hojiirra akka ooluu murteesseera

5.Manni Marichaa wixinee labsii ulfaatinaa fi hamma konkolaattootaa murteessuu fi to’achuuf ba’erratti mari’ateera.

Ulfaatinaa fi hamma konkolaataa murteessuun miidhaa daandiirra ga’uu hir’suufis ta’ee hambisuuf akkasumas nageenya tiraafikaa uumamuu danda’uu ittisuuf wixinichi murteessaa ta’uusaa mana marichaaf dhiyaateera.

Manni Maree Ministiroota gadi fageenyaan erga irratti mari’atee booda yaadoonni mariicharratti dhiyaatan galtee ta’uun erga itti dabalamanii guyyaa gaazexaa Nagaariitirratti maxxanfameerra eegalee hojiirra akka ooluu murteesseera

6.Wixinee Labsii tajaajila geejjiba Paabliik Saarvisii irraa deebiin hundeessuuf ba’eerratti mari’achuun tajaajilichaa waliin ga’uufi jiraattoota magaalaa Finfinneef guyyaa guutuu tajaajila laachuu akka danda’uu fi hojjettoota mootummaa federaalaa fi magaalaa Finfinnee akkasumas magaaloota naannawaa Finfinnee keessaa jiraataan tajaajilichaa akka argataan danbichi lakkoofsaa 298/2006 fooyyeessuun qophaa’eera.

Haalumaa kanaan manni marichaa yaadoonni maricharratti dhiyaatan galtee ta’uun erga itti dabalamanii booda guyyaa gaazexaa Nagaariitirratti maxxanfameerra eegalee hojiirra akka ooluu murteesseera

7.Manni Marichaa wixinee labsii tajaajila nageenya faayinaansii irra deebiin hundeessuuf dhiyaateerratti mari’achuun danbichi guyyaa gaazexaa Nagaariitirratti maxxanfameerra eegalee hojiirra akka ooluu murteessuu ragaan Waajjira Muummee Ministiraarra argamee ni muul'dhisa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015