Buna baatiiwwan jahan darban gabaa alaatti ergame irraa galiin doolaarsa biiliyoona walakkaa argameera.

95

Amajji, 12/2014(TOI) - Buna baatiiwwan jahan darban gabaa alaatti ergame irraa galiin doolaaraa miiliyoonaa 578 argamuu Abbaan Taayitaa Bunaa fi Shaayee beeksise.

Raawwiin hojii kanaa hangaafi galiin kan karoorfameen ol ta'uullee himameera.Daarektarri olaanaa Abbaa Taayitichaa obbo Addunyaa Dabalaa akka TOI tti himanitti, sababa jijjirra imaammataa damee kanarratti raawwatameen waggoota sadeen darbanitti galiin Bunarraa argamuu fi dhiheessiin oomisha Bunaa dabalee jira.

Bara bajataa kana baatiiwwan jaha darbanitti Bunnii toonii 148,882 gabaa alaaf dhihaateera.

Bunaa gabaa alaatti dhihaatee kanarraa immoo galiin doolaaraa miiliyoonaa 578 argamuu obbo Addunyaan himaniiru.

Yeroo walfakkaata kan bara bajata darbee waliin yoo madaalamuu raawwiin isaa baayi'inaan harka 57 akka caaluu himaniiru.

Karoora bara kanaan immoo harka 20 raawwiin akka caaluu himaniiru.Galiidhanis kan bara darbeen yoo madaalamuu doolaaraa miiliyoonaa 274 caalmaa akka qabu obbo Addunyaa himaniiru.

Baatiiwwan jahan darbanitti Buna Itoophiyaa toonii kuma 37 bituun Jarmaan jalqabarratti kan argamu yoo ta'u Saawudi arabiyaafi Jaappaan immoo kanneen itti aananidha.

Bu'aan kunis kan argameef caasaa dhiheessii kanaan dura rakkisaa ture sirreessuun kan argamee ta'uu himaniiru.

Omishitoonnii buna oomishaan osoo daandii walxaxaa keessaa hin darbiin kallaattii akka dhiheesitootaaf dhiheessaan, dhiheesitoonnii immoo kallaattiin ergitootaaf akka dhiheessaan haalli waan mijateef ta'uu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015