Walgahiin marsaa 43ffaa Koree Bakka Bu’oota Dhaabbii Gamtaa Afrikaa eegale. - ENA Afaan Oromoo
Walgahiin marsaa 43ffaa Koree Bakka Bu’oota Dhaabbii Gamtaa Afrikaa eegale.

Amajji 12/2014- Walgahiin marsaa 43ffaa Koree Bakka Bu’oota Dhaabbii Gamtaa Afrikaa har’aa eegaleera.
Walgahichi mata duree marii ‘’Ga’umsa sirna nyaata biyyoota Afrikaa ijaaruu, misooma humna namaa, misooma hawaasummaa fi dinagdee ariifachiisuu’’ jedhuun Gamtaan Afrikaa kan bara 2022’tti qopheesseen kan gaggeeffamu jedhamera.
Walgahiin kara marsariitii gaggeeffamaa jiru kanarratti Komishinarri Komishinii Gamtaa Afrikaa, Muusaa Faakii Mahaammaat, Walitti qabaan walgahichaa fi Ambaasaaddaroonni biyyoota miseensa Gamtichaa hirmaachaa jiru.
Walgahichi guyyoota lamaaf tura jedhame.