“Raayyichi kan madaalamu dandeetti raawwachiistummaa isaan malee saba irraa dhalateen miti ”- Jeneral Ababaawu Taaddasaa

61

Amajji, 12/2014 (TOI) "Itti aanaan Shuumii waliigala Raayyaa ittisa biyyaa Itoophiyaa Jeneraal Ababaawu Taaddaasa, Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa kan madaalamu milkaa'ina hojiisaafi raawwachiisummaa dirqamaan malee saba irraa dhalateen miti'' jedhan.

Jeneraal Ababaawu turtii EBC waliin taasasisaan kanaan dura ijaarsa raayyaa ittisa biyyaa tureen aarsaa cimaa kan kanfalee raayyaa ittisa biyyaa mataa isaati.

Yeroo ammaa Raayyaa ittisa biyyaa Itoophiyaa kan kallattii gahumsaa fi dandeettii irraatti hundaa'een ijaaramaa jiraachuu himaniiru.

Gulantaan guddinaa fi badhaasnii meedaliiyaa dhiheenya kana miseensoota raayyaa ittisa biyyaaf kenname, Izoota sadrkaan jiraniif kan kennamee yoo ta'uu bu'uuras kan godhatee raawwii dirqamaan, hoggantoota raayyiichaaf kan maluufi haamlee raayyichaas kan ijaaredha jedhaniiru.

Raayyaan ittisa biyyaa waraanaa garee shororkeessaa ABUT waliin marsaa jalqabaa taasiseen , meeshaa waraanaa fi humna namaa garee shorkeessaadha gad ta'e qabaatus Itoophiwummaa galaa kan godhate ture jedhaniiru.

Waraanni garee Shororkeessaa ABUT waliin taasifamu hin xumuramne kan jedhan jeneraal Ababaawu, Raayyichi Waraanaa marsaa 1ffaa xumuruun kan marsaa itti aanuuf qophaa'aa jiraachuu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015