Paarkiin Indaastirii Kombochaa garee shororkeessaa ABUT tiin miidhaan irra ga’ee ture hojii eegale

58

Amajjii 10/2014 (TOI) – Paarkiin Indaastirii Kombochaa garee shororkeessaa ABUT tiin miidhaa fi saamichi irra ga’ee ture deeggarsa deebisanii dhaabuu hojjetameen gara hojiitti deebi’uu ibsame.

Deeggarsa qaamolee dhimmi isaa ilaallatu hundi taasisaniinii fi hojii kutannoo cimaan hojjetameen galteewwan barbaachisoo ta’an guutamuun paarkichi tajaajila kennuu eegaluu hojii gageessaan paarkichaa obbo Ahimad Sa’id ibsaniiru.

Hojjettoonni dhaabbilee oomishaa ariitiin gara hojiitti galuu fi warren hafanis yeroo gabaabaa keessatti gara hojiitti seenuun yeroo dhiyootti gabaa alergiif karoorfatamee hojjetamaa jiraachuu ragaan Korporeeshinii Misooma Paarkiiwwan Indaastiriirraa argamme ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015