"Qabiinsa odeeffannoo ammayyeessuun alseerummaa ittisuun barbaachisadha''

71

Amajjii 9/2014 (TOI) – Qabiinsa odeeffannoo ammayyeessuun alseerummaa ittisuun barbaachisaa ta’uu kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee himan.

Sagantaan Sooftiweeriin bulchiinsa manneen magaalaaf oolu Ministeera Magaalaa fi Misooma Bu’uuraaleetti Biiroo Misoomaa fi Bulchiinsa Manneeniin qophaa’e hojii eegalchiisuu gaggeeffameera.

Hoggansi jijjiiramaa wayita gara hojiitti gale dhimmoota hojiitti hiikuuf waadaa seene keessaa hojimaatilee si’ataa fi iftoomina akka qabaatan taasisuu waan ta’eef qabiinsa odeeffannoo ammayyeessuuf sooftiweeriin har’a hojii eegale kun tokko ta’uu aadde Adaanech kaasaniiru.

Haqummaa mirkaneessuu fi hojiimaata badaa ittisuuf sooftiweeriiwwan qabiinsa odeeffannoof tajaajilan fayyadamuun bu’aan isaa olaanaa ta’uu ibsaniiru.

Bulchiinsi magaalichaa manneen magaalicha keessatti argaman gama sooftiweerii kanaan bulchuun hannii fi alseerummaan akka hin babal’anneef kan hojjetu ta’uu eeraniiru.

Sooftiweerichi odeeffannoo manneen gandaa, manneen waliin jireenyaa, gamoowwanii, iddoowwan duwwaa galmeessee waan qabatuuf rakkooleen faayilli baduu fi kanneen biro waliin ka’an kan furaman ta’uu ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015