Ayyaanni Cuuphaa guutuu biyyattiitti rakkoo nageenyaa tokko malee akka kabajamu qophii ga’aan tasiifame – Humna Nageenya Waloo FDRI

81

Finfinnee, Amajjii 9/2014 (TOI) – Ayyaanni Cuuphaa guutuu biyyattiitti rakkoo nageenyaa tokko malee akka kabajamu qophiin xumuramuun hojii qabatamaatti galamuu Humni Nageenya Waloo FDRI beeksiise.

Ayyaannichi karaa nagaan akka kabajamu qophiin xumuramee hojii qabatamaatti galamuu Humni Nageenyaa waloo FDRI ibsa laateen himeera.

Ayyaana Cuuphaa bara kanaa adda kan taasiisu duula tokkummaa sabdaneessaa gaggeeffameen gareen shororkeessitootaarratti ijnifannoo olaanaan wayita argamee fi Waamicha Muummee Ministiraa FDRI Abiy Ahimad fudhachuun diyaaspoorawwan hedduun kan itti hirmaatan ta’uu isaa ibseera.

Ayyaannichi Ayyaana hawaasa idil addunyaa ta’uu isaan nageenyi keessummoota ayyaana kanarratti hirmaatanii haala eeggameen kabajuun maqaa gaarii biyyaa ijaaruu ta’uu Humni Nageenyaa Waloo kun eereera.

Kanaafis qophiin barbaachisu xumuramuun gara hojii qabatamaatti galamuu ibseera.

Kutaaleen hawaasaa biyyattii hundi qaamolee nageenyaa cinaa hiriiruun ayyaanichi karaa nagaan akka kabajamu qooda isaanii ba’uu akka qabanii fi keessattuu iddoolee ayyaanichi kabajamutti hordoffii fi to’annoo cimaan kan barbaachisu ta’uu eereera.

Sodaa nageenyaa kabaja ayyaanichaan walqabatee uumamu ittisuuf richiitiwwan garaagaraa dhukaasuun farreen nageenyaaf haala mijataa uumuu ta’uu isaa Humni Nageenyaa Waloon kun hubachiiseera.

Iddoolee ayyaanichi kabajamutti eeyyama qaama dhimmi ilaallatuun ala Diroonii balaliisuu fi sochoosuun dhorkaa ta’uu himeera.

Meeshaalee waraanaa akaakuu kamiiyyuu, wantoota boba’aa fi dhukaafaman qabatanii socho’uun goonkuma kan dhorkame ta’uu ibseera.

Hirmaattoonni hundi sakattoo taasiifamuuf deeggarsa barbaachisu akka taasiisan gaafateera.

Gareen shororkeessitootaa carraa kana fayyadamuun badii geessisuu waan danda’aniif Humni Nageenyaa Waloo kun tarkaanfii seeraa fudhachuuf qophummaa qabaachuu hubachiiseera.

Hawaasni wayita wantoonni nama shakkisiisu muudate lakkoofsota bilbilaa armaan gadiin eeruu laachuu akka qaban gaafateera.

Haaluma kanaan +251115-52-63-03፣ +251115-52-40-77፣ +251115-54-36-78 fi +251115-54-36-81 akkasumas sararoota bilisaa 987፣ 991 fi 816 fayyadamuun qaamolee nageenyaa dhiyeenyatti argamuuf odeeffannoo laachuu akka qaban beeksiiseera.
@FBC

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015