Sababa waraanaan kanneen qe'ee isaanirraa buqqa'aniif sagantaa galii walitti qabuu qapha'erratti doolaarri kuma 72 walitti qabame.

53

Amajji, 9/2014(TOI) - Kaabaa Kaaroliinaa Raaliitti Itoophiyaatti lammilee sababa waraanaan qe'eefi qabeenya isaanirraa buqqa'an gargaaruf sagantaa qophaa'erraatti doolaarri kuma 72 walitti qabamu Ameerikaatti Ambaasaaddarri Itoophiyaa Fitsim Araggaa himan.

Sagataa kanarratti namni dhuunfaan tokko meeshaa bu'aa ogummaa caallibaasiif dhahaate doolaara Ameerikaa kuma 16300 bituusaa Ambaasaaddar Fitsum himaniiru.

"Taaksifoorsiin harka baay'ee miseensonni isaa dargaggoota ta'an kun yeroo 2ffaaf deeggarsa kana walitti qabuun waldaalee buleeyyiif fakkeenya gaarii ta'eera" jedhan Ambaasaaddar Fitsim.

Haalli kam illee lammilee ofii deeggaruu irraa nama hin ittisu jechuun xiqqoo taatanii deeggarsa guddaa ksna kanneen taasiftaan baay'een sin galateeffadha jechuu karaa miidiyaa hawaasaa isaanii ergaa dabarsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015