Magaalonni Dasee hanga Waldiyaa jiran tajaajila humna elektirikaa argatan.

55

Amajjii 7/2014 (TOI) – Suphaan bu’uuraalee misoomaa elektirikaa miidhan irra ga’ee ture xumuramuun magaalonni Dasee hanga Waldiyaa jiran tajaajila humna elektirikaa argachuu Humni Elektiriikaa Itoophiyaa beeksise.

Buufata raabsaa humna elektirikaa socho’aa garee shororkeessaan ABUTiin saamame kan magaalaa Waldiyaatiif tajaajila humna elektrikaa kennaa ture bakka buusuuf hojiin egalamuu ibsameera.

Hojiin eegalame baatiiwwan 4 hanga 5 keessatti kan xumuramu ta’uu Humni Elektirika Ityoophiyaa beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015