''Lammiileen odeeffanno sobaa adda isaan qoodurraa of eeguun Itoophiyaa ijaaruurratti xiyyeeffachuu qabu''

81

Amajji 7/2014(TOI) - Lammiileen odeeffanno sobaa adda isaan qoodan irr wal nuqoodan irraa of eeguun Itoophiyaa ijaaruurratti xiyyeeffannoo gochuun akka barbaachisuu Waajjira Ministira Muummeetti, Ministirri Qindeessaa Giddugala Ijaarsa Sirna Dimookraasii Dr. Biqilaa Hurrisaa himan.

Dr. Biqilaan turti TOI waliin taasisaniin, gareen shoororkeessaa TPLF weerara naannoolee Amaaraafi Affar irratti taasiseen miidhaa hawaasummaa, diinagdeefi xin-sammuu irraan gahu himaniru.

Itoophiyaanoonni tokkummaa sabdaneessuummaa waloon hiriiruun weeraraa TPLF of irraa qoolachuu akka danda’an kan himan Dr. Biqilaan, ‘Itoophiyaa Nan-diiga’’ jechuun garee shoororkeessaa ka’e duula qindaa’aa Raayyaa Ittisaafi humnoota nageenyaan rukatame naannoowwan weerare keessaa bahuu himaniru.

Humni diinaa irree Itiyoophiyaanootaa gamtoomeen rukutamuusaatiin injifannoon argamees kan Itoophiyaanonni waloon kan fidan tahu hubachuun akka barbaachisuus Dr. Biqilaan himaniru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015