Mariin Nageenyaa Uummanni Masqaan Bahaafi Maareqoo marii nageenyaa geggeeffachaa jiru.

Amajjii 07/2014(TOI) - Godina Guraageetti jiraatoonni aanaa Masqaa bahaa fi aanaa Maareqootti Mariin Nageenyaa geggeeffataniiru.

Uummanni kun walitti bu'insa jidduusaanii jirus karaa araaraa furachuu himaniiru.

Sirna araaraa taasifame irrattis hooggantooni mootummaa Naannichaafi godina Guraageefi jaarsoliin biyyaa irratti hirmataaniiru.

Ka’uumsi walitti bu’iinsichas dhimma daangaa akka ta’es himameera.

Sababa kanaanis lubbuun lammiileen hedduu darbeera; akkasumas lammiileen baayyeen qe’efi qabeenya isaanirra buqqaa’us himameera.
Akkasumas walitti bu’iinsichi sochii qonnaa irrattis dhiibbaa cimaa taasisus himameera.

Yeroo ammaa kanas uummaanni lameen walitti bu’iinsa isaani karaa aadaan hiikuu hordoofe yaa’iin nageenya Godina Guraagee Aanaa Masqaan Bahaatti taasifama jiras jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015