"Ummanni keenya madda gootummaa keenyaati"

83

Amajji,6/2014 - Ummanni keenya madda gootummaa keenyaati jedhan Qindeessaa Olaanaan Hojiilee Ijaarsa Raayyaa Ittisaa Biyyaa Jeneraal Baacaa Dabaleen.

Ummata waliin ta’uun garee shororkeessaa Finfinneen seena jechuun dhaadataa ture bakka weeraree turetti awwaaluun danda’amuu ibsaniiru.

Jeneraal Baacaan kana kan jedhan waltajjii marii miseensonni diyaaspooraa daa’imman Miseensota Raayyaa Ittisa Biyyaa waraanarratti miidhamaniif mana barnoota ijaarsisuuf taa’aa jiranirratti.

Waraanni Itoophiyaa qabsoo meeshaa waraanaa qofaan osoo hin taane dippiloomaasiifi dinagdeen kan furamu ta’uu waltajjicharratti kaasaniiru.

Itoophiyaanonni biyya keessaafi alaa Itoophiyaan hin diigamtu jechuun waraana diinota keessaafi alaan Itoophiyaarratti baname tokkummaan dhaabachuun injifachuu ibsaniiru.

Ummanni humna namaan, maallaqaaniifi gala qopheessuun raayyaa ittisa biyyaa cina dhaabbachuun garee shororkeessaa ABUT bakkeewwan weeraree turetti awwaaluu yaadachiisaniiru.

Diyaaspooraan adda dippiloomaasiifi dinagdeen hojii boonsaa hojjechaa jiraachuufi hojii kana cimsee itti fufuu akka qabu dhaamaniiru.

Raayyaan Ittisa Biyyaa waardiyaa biyyaa waan ta’eef deeggaruun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015