Baahireenitti, Ambaassadar Jamaal Bakar, hoggantoota hawaasa Itoophiyaa waliin dhimmoota waqtaawaa biyyaa irratti mari’atan.

66

Amajji 06/2014(TOI) - Baahireenitti, Jeeneraalli Qoonsilaa Itoophiyaa Ambaassadar Jamaal Bakar, hoggantoota Koomuuniti Itoophiyaa waliin dhimmoota waqtawaa biyyaarratti waliin mari’achuusaani Ministeerri Dhimma Alaa beeksise.

Itoophiyaa qormaata ishee muudate darbuun, tokkummaafi sabdaneessuummaa cimaa waaraa tahe eegsiisani tursisuuf qaamooleen hundi gaheesaani gumaachuu aakka qaban Ambaassadar Jamaal himaniru.

Rakkoolee roga maraan wayita ammaa ni muudatan saffisaan jalaa bahuuf, barmadummaa keenya waaraan mirkeessuuf dursa ijaarsaa nageenyaaf xiyyeeffannaa kennuun, mariiwwan taa’aaman deeggaruun akka barbaachiisuu ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015