Dooktar Teediroos Adihaanoom loogii siyaasaa hojjetaa jiran dhaabbatichi akka qoratu Itoophiyaan gaafatte

61

Finfinnee, Amajjii 6/2014 (TOI) - Daayreektarri olaanaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dooktar Teediroos Adihaanoom miseensa garee Shororkeessaa ABUT ta'uun adeemsaa fi hojmaata dhaabatichaan ala loogii siyaasaa hojjetaa jiran Boordiin Dhaabbatichaa qorachuu akka qabu Ityoophiyaan gaafatte.

Daayreektarichi maqaa dhaabbatichaan irra deddeebiin dubbii himaa garee shororkeessaa ABUT ta'uun adeemsaa fi hojmaata dhaabatichaan ala loogii siyaasaa hojjechaa jiraachuu Ministeerri Dhimma Alaa FDRI xaalayaa barreesseen gaafateera.

Daayreekterichi iddichaaf kaadhimamuu Ityoophiyaan gammadduu taatuus ogummaa irraa eegamu ba'achaa akka hin jirre Ministeerichi ibsa isaaniin himeera.

Dooktar Teediroos hariiroo Ityoophiyaa fi Eertitiyaa dabalatee dhimma keessoo Ityoophiyaa keessa seenaa jiraachuu komii qabaachuu eereera

Naannoo Amaaraa fi Afaarritti wayita garichi dhaabbilee fayyaa kuma 2 ol barbadeessu callisuun dubbii himaa garichaa ta'uun hojjechaa jiraachuu ibseera.

Ammas paarlaamaa Ityoophiyaan garee shororkeessaan kan moggaafame ABUT deeggaruu fi miseensa ta'uu itti fufuu isaanii eereera.

Itti gaafatamummaa isaanii siyaasa dhuunfaaf oolchaa jiraachuu hubachiiseera.

Dooktar Teediroos Miidhaa garichi ummata Ityoophiyaarratti raawwachaa jiru ifatti deeggaruu fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin barreeffama barreesanirraa hubachuun kan danda'amu ta'uu himeera.

Daayreektarichi loogii taasiisaa jiruuf akka itti gaafatamu Mootummaan Ityoophiyaa adeemsa seeraa qopheessaa jiraachuu xaalayaa barreesseen ibseera.

Dhaabbatichi yakka Daayreekterichi raawwate guutumaan guutuutti adda baasuun akka qulqulleessu Ityoophiyaan gaafateerti. FBC

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015