Obbo Dammaqaa gitasaanii Noorweey waliin bilbilaan mari’atan

67

Amajji,5/2014(TOI)- Ministirri Muummee Ittaanaafi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin, Ministira Dhimma Alaa Noorweeyi Aniikan Huuyitfeeldit waliin bilbilaan mari’ataniiru.

Obbo Dammaqaan jijjiirama Itoophiyaa keessatti mul’achaa jiran ilaalchisee Aniikan Huuyitfeelditiif ibsa laataniiru.

Baatii Amajjii keessaa Noorweey Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Pirezdaantii Mana Maree Nageenyaa taatee filatamuushee hordofee ergaa baga gammadaniis dabarsaniiru.

Noorweey Pirezdaantummaa mana marichaatti fayyadamuun hojiiwwan mootummaan Itoophiyaa hojjechaa jiru karaa madaalawaafi sababa qabeessa ta’een akka ilaaltu amantaa qaban Obbo Dammaqaan ibsaniiru.

Biyyattiin pirezdaantuummaa mana marichaatiin qooda gaarii akka bahattu amantaa qaban kaasaniiru.

Ministira Dhimma Alaa Noorweey Aniikan Huuyitfeeldit gamasaaniin, ibsa laatameefiin galateeffachuun waamicha mootummaa Itoophiyaa dinqisiifataniiru.

Fuuldurattis Noorweey Itoophiyaa ajandaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii gochuuf karoora kan hin qabne ta’uu ibsuusaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015