“Ummanni Oromoo Injifannoo argame tikfachaa hojii dinagdee isaa cimsu irrattis xiyyeeffachuu qaba.” - ENA Afaan Oromoo
“Ummanni Oromoo Injifannoo argame tikfachaa hojii dinagdee isaa cimsu irrattis xiyyeeffachuu qaba.”

Amajjii 05/2014(TOI) - “Ummanni Oromoo Injifannoo argame tikfachaa hojii dinagdee isaa cimsu irrattis xiyyeeffachuu qaba.”jedhan Obbo Awwaluu Abdii Itti aanaa Pireezedaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa.
Duulli hojii kunuunsa qabeenya uumamaafi misooma suluulaa Godina Shawaa Lixaa aanaa Dandiitti eegaleera.
Akka Godinichaattis sulula 559 guyyoota 60 keessatti namoota kuma dhibba 5 hirmaachisuun hojjechuuf karoorri qabamuu Bulchaan Godina Shawaa Lixaa obbo Saahilu Dirribsaa ibsaniiru.
Obbo Abbarraa Warquu Hoogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa, haasaa taasisaniin qabeenya uumamaa keenya kununfachuun dachee Oromiyaa irra caalaatti magarisaafi hawwattuu taasisuuf hundi keenya ga'ee keenya ba'achuu qabna jedhan.
Bara kana hojii kunuunsa qabeenya uumamaan lafa heektaara miliyoona 2.5 misoomsuuf hojiitti galamu ibsan.
Itti Aaanaan Pireezedaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii akka jedhanitt, Ummanni Oromoo Injifannoo argame tikfachaa hojii dinagdee isaa cimsuu irrattis xiyyeeffachuu qaba jedhan.
Godinni Shawaa Lixaas bakka seena qabeessa handhuura goototaafi dachee qaanqee bilisummaati, injifannoo argames tikfachaa duula misooma sululaa jalqabame jabinaan hojjechuun dacheen magarisaafi hawwattuu akka taatuufi bakka hawwataa Tuurizimii filatamte aanaa Dandii dabalatee, aanaalee keessan hunda misoomsuu qabdu jechuun dhaamuusaanii BDHKMNO'tu gabaase.