Sagantaa galii walitti qabuu addababayii Masqalaatti qopheeffameen birriin miiliyoona 10 walitti qabame.

62

Amajji, 04/2014(TOI) - Sagantaa galii walitti qabuu addababayii Masqalaatti qopheeffameen birriin miiliyoona 10 walitti qabame.

''Yeroo kadhataa fi waaqeffannaa Itoophiyaaf'' mata duree jedhuun qopheesuummaa Waldaa Formeeshiin Apaastoliik Zaatsa'atiin adabaabayii masqalaatti sagantaa qophaa'een amantoonni wangeelaa lammilee sababa waraanaan buqqa'aniif deeggarsa oolu birrii miiliyoona 10 walitti qabuu hogganaan mana amantichaa Hawaariyaa Yohaannis Girmaa himaniiru.

Birrii deeggarsaaf walitti qabame kanas sadarkaa Kantiibaatti hojii geggeessaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee obbo Xiratuu Bayyanaatti kennameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015