Waliigalteen duudhaa nageenyaa fi wal danda'uu qaxanichaa cimsuuf dandeesisu mallateeffame.

70

Amajji,4/2014(TOI) - Afrikaa Bahaatti Waliigalteen duudhaa nageenyaa fi wal danda'uu qaxanichaa cimsuu akkasuma fixaleesummaa ittisuuf gargaaru mallateeffame.

Waliigalticha kan mallateessan yaa'ii dhaabbilee amantaa Itoophiyaa fi yaa'ii dhaabbilee amantaa Keeniyaati.

Waliigaltichas yaa'ii dhaabbilee amantaa kanneenii bakka bu'uun kan mallateessan Itoophiyaatti miseensa hojii raawwachiiftuu yaa'ii amantaalee Itoophiyaa fi barreessaafi daarekatara yaa'i amantaalee keenyaati.

Waliigalichi nageenya qaxanichaa eeguufi faayidaa guddaa qaba jedhameera.

Waliigaltichi qaama hojii biyyoonni lamaan waliin hojjetaniifi wal gargaaranii yoo ta'u gara fuula duraattis biyyoota qaxanaa kana kanneen biroo qaama waliigaltichaa taasisuuf kan hojjetamu ta'uu himameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015