Yuunivarsiitiin Jimmaa Hospitaala sadarkaa jalqabaa Dalaantaa deebisee ijaarufi.

75

Amajji 4/2014(TOI) - Instiitiyuutiin Fayyaa Yuunivarsiitii Jimmaa garee shororkeessaa ABUT tiin kan manca'ee Hospitaala sadarkaa jalqabaa Dalaantaa deebisee ijaarufi.

Yuunivarsiitiichi suphaa Hospitaalichaa jalqabuusaa beeksiseera.

Insitiitiyutii Fayyaa Yuunivarsiitichaatti itti aanaa Pireezidaantii kan ta'an Doktar Eliyaas Alii akka himanitti, Yuunivarsiitichi Hospitaala garee shororkeessaa ABUT tiin miidhaan irra gahee kana suphuuf ogeeyyoota garasitti erguun suphuuf maal akka barbaachisu qorachiiseera.

Qorannoo taasifameenis yeroo torban tokko hin caalle keessatti Hospitaala sadarkaa jalqabaa Dalaantaa suphuun hojiitti deebisuuf hojjetamaa jirachuu himaniiru.

Doktar Eliyaas akka himanitti Hopitala kanaaf kan oolu Qorichoota, meeshalee tajaajila yaala fayyaa adda addaa qopheessuun xumurameera.

Ogeeyyiin fayyaa 30 ta'anis tola-ooltummaan hospitaalicha tajaajiluuf qophaa'aniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015