"Dhimmoota nu qoqqoodan irratti xiyyeeffachu irraa rakkoolee furmaata barbaadan hiikuuf waliin hojjechuu qabna"

57

Amajjii 03/2014(TOI) -Gareen Shororkeessaa ABUT’ keessattu uummata Naannoo Amaaraa irratti yakka cimaa raawwachuu himuun, dhimmoota nu qoqqoodan irratti xiyyeeffachuu irraa rakkoolee furmaata barbaadan waliin hiikuun waliigaltee biyyaaleessaa uumuu akka barbaachisuu hubachiisan Dr. Yilqaal.

Kayyoo keenya ijoo dhiisnee dhimmoota akka wal qoqqoodnufi dadhabnuu nu taasisan cinatti dhiisuun tokkuummaa keenya cimsuun irra deebiin weerarri akka nu muudanne taasisuu qabna jedhan.

Gareen shororkeessaa ABUT ‘ Uummata Amaaraa diina taasifachuun ka’e badiin geessisee naannicharraa darbee biyyaafi ummaata miidhuun qabeenya hedduu barbaadesseras jedhan.

Qabeenya barbadaahe deebisanii ijaaruuf tumsa hundaa kan gaafatu ta’uu himun, lammiilee buqqa’an deebisanii ijaaruufi hojiin dhaabbilee tajaajila kennan haaromsuu hojjetama jira jedhaniru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015