Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa adeemsa galmeewwan himanni adda cite sadirratti ibsa laate

300

Amajjii 3, (TOI) – Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa sirna adeemsa galmeewwan himanni adda cite sadirratti ibsa laateera.Abbaan Alangaa gaafa guyyaa 28, 4, 2014 himanni galmeewwan sadii akka adda citu iyyata dhiyeessuu isaa hordofee adeemsa himanni galmeewwan sadanii akka adda citu taasiisuu keessatti qoodni Manneen Murtii maal akka ta’e ummataaf hubannoo ga’aa uumuuf ibsa laachuun barbaachisaa ta’uu himeera.

Ministeerri Haqaa himanni Galmeewwan sadii walakaan yookaa guutummaatti akka adda citu iyyannoo Dhaddachaaf dhiyeesse akkatuma seeran keessummeeffamuu ibseera.

Haaluma kanaan Ministeerri Haqaa himanni Galmeewwan himatamtoota obbo Jawaar Mahaammadiif isa jalitti himataman waliigala namoota 20,Himanni himatoota galmeewwan obbo Iskindir Naggaa fi kanneen isaa jala jiran waliigala himatamtoota 7 fi Himanni galmeewwan Dooktar Dabratsiyoon Gabramikaa’eel jala jiran himatoota 6 akka adda citu gaaffii dhiyeessuu ibseera.

Mana Murtii Waliigalaa Federaalaatti Dhaddachi yakka ramaddii 1ffaa Heera mootummaa fi dhimmoota shororkeessummaa gaaffii Ministeera Haqaa qorachuun akkataa bu’ura labsii hundeeffama abbaa alangaa lakkoofsa 943/2008 keeyyata 6 muraa 3n himaticha kaasuu erga mitkaneessee booda himatamtoonni yakka biroon kan hin barbaaddamne yoo ta’ akka gadi lakkifaman Mana Amala sirreessaaf ajaje dabarsuu himeera.Akka heera yeroo ammaa hojiirra jiruun Abbaan Alaangaa sababoota garaagaraan himata yoo itti fufuu hin barbaanne ta’e Manni Murtii gaaffii himanni akka adda citu dhiyaatu fudhachuun shakkamtoonni hidhaarra jiran akka gadi lakkifaman ajajuun hojmaata seeraa ta’uu hubatamuu akka qabu ibseera.

Itoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015