Fooramii fi Igzibishiniin Invastimantii diyaaspooraa magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira

59

Amajjii 3/2014 (TOI) – Fooramii fi Igizibiishiniin Invastimantii diyaaspooraa magaalaa Finfinneetti geggeeffama jira.

Fooramii fi Igzibishinii Invastimantii diyaaspooraa kana kan qopheesse Komishinii Invastimantii Itoophiyaa yoo ta'u , Hoteela Iskaay Laayitiitti gaggeeffamaa jira.

Fooramicha irratti hawaasa diyaaspooraa, dureeyyota, gaggeessitoota mootummaa fi Baankilee dabalatee, qooda fudhattootni garaagaraa hirmaataniiru.

Fooramichi hawaasni diyaaspooraa carraa invastimantii biyyattiin qabdu akka beeku, hawaasa invastimantii waliin akka mari'atu, gaaffilee qabu akka kaasuu fi hubannoo walii galaa akka argatu ni gargaara jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015