Hospitaalli Ispeshaalaayid Quddus Pheexiroos Hosptaaloota garee shororkeessaan miidhaaman lamaaf deeggarsa taasisuun hojii jalqabsiise.

59

Amajji, 02/2014(TOI) - Hospitaalli Ispeshaalaayid Quddus Pheexiroos Hosptaaloota garee shororkeessaan ABUT tiin naannoo Amahaaraa fi Affaaritti miidhaaman lamaaf deeggarsisuun hojii akka jalqabiisee beeksise.

Naannoo Amahaaraatti godina Walloo Kibbaatti kan argamuu Hospitaala Booruu Meedaafi naannoo Affaaritti kan argamuu Hospitaala sadarkaa jalqabaa Kawaalaa deeggarsa taasiseefiin irra deebiin hojii jalqabaniiru.

Hospitaalli Ispeshaalaayid Quddus Pheexiroos Hospitaalota kanneen irra deebiin hojii jalqabiisuuf deeggarsa birrii miiliyoona 10 olii akka baasii godhe hiameera.

Hospitaala Ispeshaalaayid Quddus Pheexiroositti meedikaal Daarektarii kan ta'an Doktar Mattaaffara Masfiin akka himanitti hospitaalonni deeggarsaa Hospitaala Ispeshaalaayid Quddus Pheexiroosiin irraa deeebiin hojii eegalan kun lameen garee shororkeessa ABUT tiin Hospitaaloota baay'ee miidhaman turan jedhaniiru.

Affeerraa Ministeerri fayyaa Hospialichaaf taasiseen meeshalee yaalaa fayyaa Hospitaaloota kana barbaachisan walitti qabuun deeggarsa taasisuufi himaniiru.

Gara fuula duraattis hospitaaloota kanaaf marsaa lammaffaaf deeggarsa barbaachisa kan taasisuuf ta'uus himanii jiru.

Hospitaalli Quddus Pheexiroos deeggarsa kanaan cinaatti Hospitaala Raayyaa Ittisa Biyyaa, Dubbitii fi Komboplchaaf ogeeyyoota isaa erguun deeggarsa taasisaafi akka jiru himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015