"Hundi keenya guyyaa har’a Laalibalatti argamuun ayyaanaa akka kabajnuuf lmmiilee Itoophiyaa lubbuu isaanii aaarsaa kaffalaniif galatatu isaaniif mala"

65

Mudde 29/2014(TOI) - Guyyaa har’aa ayyaanaa kana akka kabajnuuf lubbuu isaanii aarsaa gochuun kabaja kanaan nu gahan Raayyaa Ittisa biyya, qaamoolee nageenyaa naannoo Amaaraa, uummata naannichaafi uummattoota Itiyoophiyaa mara galateeffachuun barbaadaa jedhan, Pirezidaant Saahilawarq.

Waliin taane Ayyaana Qillee Laalibalatti, Ayyaana Cuuphaa Gondaritti, Mawulidaafi Arafaa Al Najaashitti Maaramii Tsiyoon Aksumitti, Irreecha Bishooftutti, Canbalaalaan Hawaasatti akkasumas kutaalee biyyaatti adda addaa keessaatti ni kabajna jedhan.

Wantoota raawwatamaniin baay’ee miidhamneerraa kanaafu hatattamaan dandamachuu qabna, kanaafis wantoota barbadaa'an gamtaan ijaaruu qabna jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015