“Namoonni shororkeessicha waliin qunnamtii qabu jedhamanii to’ataman dhiifaman gadhiifamaa jiru”

69

Mudde,27/2014(TOI) - Labsii yeroo hatattamaa waliin wal qabatee namoonni shororkeessicha ABUT waliin qunnamtii qabu jedhamanii to’ataman gochisaanii biyya ganuu ta’uusaa amananii dhiifatama gaafachuusaaniin gadhiifamaa akka jiran Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksise.

Ministirri Tajaajilichaa Doktar Laggasaa Tulluu ibsa kennaniin, namoonni qaamolee nageenyaan shakkamanii to’ataman keessaa, kanneen sadarkaan yakkasaanii gadaanaa ta’eefi balleessaasaanii amananii dhiifatama gaafatan mootummaanis garaa bal’inaan dhiifatamaan gadhiisaa akka jiru himaniiru.

Namoonni hafanis akka sadarkaa yakkasanitti walduraa duubaan kan gadhiifaman ta’uu himanii, namoota dhimmisaanii guddaa ta’emmoo qoratamanii mana murtiif kan dhiyaatan ta’a jedhaniiru.

Kaayyoon mootummaa nageenya amansiisaafi waaraa mirkaneessuun olaantummaa seeraa mirkaneessuudha kan jedhan Doktar Laggasaan, qaamni kamiyyuu kana mormu seeraan gaafatamuurraa hin miliqu jechuun ibsaniiru.

Deeggarsiifi hordoffiin ummatni hanga ammaa taasisuu cimee itti fufuu akka qabu dhaamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015