Gareen shororkeessaa ABUT naannoo Affaar qofaatti dhaabbilee barnootaa, Fayyaa fi qonnaa qofaarratti miidhaa birrii biiliyoona 4.4 caalu geesiseera.

60

Mudde, 25/2014(TOI) - Gareen shororkeessaa ABUT naannoo Affaar bakkeewwan weeraraan qabatee ture qofaatti dhaabbilee barnootaa, Fayyaa fi qonnaarratti qofa miidhaa birrii biiliyoona 4fi miiliyoonaa 4 caalu geesiseera.

Naannoo Affaar magaalaa Samaraatti simpooziyeemiin diyaaspooraa geggeeffama jira.

Miseensoonni Diyaaspooraa gara biyya dhufan kaleessa haala miidhaa gareen shororkeessaa ABUT naannoo Affaar bakkeewwan weerare turetti raawwatee daawwachuuf gara Affaritti imaalaniru.

Yeroo isaan Samaraa gahanis hoggantoonni olaanoo mootummaa naannichaan simannaan kan taasifameef yoo ta'u har'a immoo waltajjiin marii jalqabameera.

Waltajjii marii kana irrattis ministira Nageenyaa Binnaalfi Andu'aleem fi pireezidantiin naannoo Affaar Awal Arbaa fi hoggantoonni biroon argamaniiru.

Waltajii kanarratti naannichatti gareen shororkeessaa ABUT bakkeewwan weerare turetti damee Barnootaa, Fayyaa fi Qonnaa irratti miidhaan qaqabsiise suuraan agarsiisuu agarsiisaaf dhihaateera.

Garichi bakkeewwan weerara raawwatetti manneen barnootaa baratoonni kumni 150 ol itti baratan 750 kaan mancaasuun kaan immoo saamuu waltajicha irratti himameera.

Mancaatii fi saamichi kun maallaqatti yeroo shallagamu gara birrii biiliyoona 1.1 akka ta'u himameera.

Garichi naannichatti qabeenyaa Qonnaa fi qabeenya umamaa birrii biiliyoona 1.4, damee jallisii fi inarjiin birrii miiliyoona 754, damee fayyaa birrii biiliyoona 1.2, nyaata fi loojistikii birrii miiliyoona 50, walii galaan birrii biiliyoona 4.4 kaan saamee kaan immoo mancaasuu himameera.

Dameelee Qonnaa, Fayyaa fi Barnootaan malees dameelee biroo irrattis yakka saamichaa fi mancaasuu raawwateen naannichatti qabeenya birrii biiliyoona 7.7 caaluu irraan miidhaa geesiseera.

Gareen shororkeessaa kun dhaabbilee Amantaarranis miidhaa gurguddaa geesisuu himameera.

Garichi Aanaalee Galikoomaa, Uwaa, Baraahilee,Yaaloo, Adalee'elaa Samaroobii fi Gala'alootti daa'immanii haga jaarsolitti yakka ajjeecha jumlaa raawwateera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015