Dursaan warraaqsa dargagoota Siweettoo Lontataa Lakiis Finfinnee gale.

80

Mudde, 25/2014(TOI) - Afrikaa Kibbaatti dursaan warraaqsa dargaggoota Siweettoo Lontataa Lakiis har'a ganama Finfinnee galeera.

Dargaggoon leellisaa Pan Afirkaanizimii ta'ee Lakiis gara Itoophiyaa kan dhufeef warraaqsi #Gahe Itoophiyaa qofaa keessatti akka hin hafnee gochuufi muuxannoo dhimma kana irratti qabu qoodufi jedhameera.

Dargaggoon kun nama harka caalaan dargaggoonni Afrikaa dhiibbaa alaa akkamitti qolachuu akka danda'aniifii yaanni alaa akka isaan hin dhuunfanneef qabsaa'udha.

Lakiis nama dargaggootaa fi dhaabbilee Afrkaa kibbaa hedduu biratti fudhatama guddaa qabu yoo ta'u nama ejjennoo cimaa ''rakkoon Afrikanoota Afrikaanootaan furamuu qaba'' jedhee qabsaa'udha.

Gara biyya jaalatuufi haadha Afrikanoota Itoophiyaa dhufuu isaattis akka gammade dubbateera.

Lakiis yeroo inni buufata xayaaraa Idil addunyaa Boolee gahuu bakka bu'aan waajjira Ministira muummee gargaraa Piroofesara Nabiyyuu Baayyee, Itti aanaa Pirezidaantii federeeshinii dargaggoota Itoophiyaa Tsiggeradaa Zawuduun simataniiru.

Itoophiyaa haa misoomsinu, haa ijaarru, haa qophoofnu

‼

Biyya karaa itti fufinsa qabuun haa misoomsinu

‼

Kan diigame kan duraa caalchifnee haa ijaarru

‼

Qormaata kamiifiyyuu haa qophoofnu

‼
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015