Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa Lammilee sababa waraanaan miidhan karaa websaayitii kanneen gargaraan galateeffate!

Mudde 25/2014(TOI) - ‘’Lammiilee sababa waraanaan miidhaniif gama websaayitii http://xn--eyezonethiopia-fb0d.com/’ deeggaraa waan jirtaniif galatoomaa.’’ - Tajaajila Kominikeeshii Mootummaa.

Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa lammiileefi dhalattoota Itoophiyaa akkaasumas michuuwwaan Itoophiyaa waamicha Itoophiyaan taasiftee irraa hin hafnu jechuun gara biyyaa dhufaniif ergaa baga nagaan dhuftanii dabarseera.

Lammiile sababoota adda addaan gara biyyaa keessanii dhufu hin dandeenye; qaaman nurraa fagaataniis kanneen yaadan nu bira jirtan lammiilee sababa waranaan miidhamaniif gama http://xn--eyezonethiopia-fb0d.com/ deeggaraa waan jirtaniif isiin galateeffanna jedheera Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa.

Yeroo Itoophiyaa nama ishii barbaachisuutti bira dhaabbachuun, Itoophiyaa sadarkaa olaanarraan gahuuf gumachaa taasiftaniin Itoophiyaan fayyadamteetti.

Kanaafis galatoomaa jedhe Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa.

Itoophiyaa haa misoomsinu, haa ijaarru, haa qophoofnu

Biyya karaa itti fufinsa qabuun haa misoomsinu

‼

Kan diigame kan duraa caalchifnee haa ijaarru

‼

Qormaata kamiifiyyuu haa qophoofnu

‼
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015