Dhaabbileen adda addaa deeggarsa kennani.

56

Mudde 22/2014(TOI) - Komishiniin Invastimantii Itoophiyaafi Humni Elektirikii Itoophiyaa Lammiilee Naannoo Amaaraa keessatti qe’ee isaanii irraa buqqaa’aniif deeggarsa maallaqa calllaafi meeshaalee garaa garaa Birrii miiliyoona 20tti tilamaamamu gumaachan.

Dhaabbiileen kunniin deeggarsicha Komishinii Wabii Nyaataa fi Ittisa Balaa Naannichaatti kennaniiru.

Deeggarsa kenname keessaas Komishiniin Investimantii Itiyoophiyaa meeshaalee garaa garaa Birrii miiliyoona 13tti tilamaamamu kan gumaache yoo ta’u, Humni Elektirikii Itiyoophiyaa immoo maallaqa caallaa Birrii miliyoona 3fi meeshaalee adda addaa Birrii miiliyoona 4tti tilmaamamu gumacheera.

Komishineerri Komishinii Qindeessaa Wabii Nyaataa fi Ittisa Balaa Naannichaa, Obbo Zallaalem Lijaalem, deeggarsicha wayita fuudhan akka jedhanitti, weerara gareen shororkeessaan raawwateen naannichatti lammiileen hedduun deeggarsa midhaan nyaataa hatattamaa akka barbaadan himan.

Deeggarsi dhaabbiilee kanneeniin gumaachanis lammiilee rakkoof saaxilaman gargaaruu fi deebisanii dandammachiisuuf gumaachaa guddaa akka qabu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015