Hoggantoonni hojii Mootummaa Federaalaa Marii haala wayitaawwaa biyyaarratti gaggeeffamu

129

Mudde, 21/2014(TOI) - Mariin tokkummaa adeemsa duula birmadummaa keessatti argame badhaadhina hundagaleessa Itoophiyaaf oolchuuf dandeessisu taa’amuu eegale.

Hoggantoonni hojii Mootummaa Federaalaa olaanoon haala wayitawaa biyyarratti mari’achaa jiru.

Mariisaaniinis mootummaan dirqamaan kan itti seenee waraanaa birmadummaa boqonnaa jalqabaa injifannoon xumuruu hordofee, injifannoon hunda galeessaan argame eeguun nageenya waaraa gara misoomaatti ceesisuurratti kan xiyyeeffate ta’uunis himameera.

Injifannoo argamee hordoofee qormaatiwwan gama siyaasaa, dinagdee, namoomaafi nageenyaatiin dhufuu danda’an dandeettiin furuufi sirnaan hogganuun xiyyeeffannoo walqixaa ni argatus jedhameera.

Hoggantoonni olaanoo dhimmoota waraanaa birmadummaa keessaatti tokkummaan biyyaalessaa argamee muuxannoo wal dubbisuuniifi qindoominaan hojjechuun akka barbaachisuufi akkasumas kaayyoo tokkoof waloon hojjechuu, murannoo hirmaannaa hunda galeessaa hoggansaa, badhaadhinaa hunda galeessaa Itoophiyaa bifa eeguun danda’amuurratti gadi fageenyaan ni mari’atama jedhameera.

Dabalatanis maricharratti kallattiin hojii fuulduraa ni kennama jedhameera.

Mariin kun guyyoota 3f akka turu Paartii Badhaadhinaarraa odeeffanne.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015