Naannoo Affaaritti manneen barnootaa 759 haleellaa garee shororkeessa ABUT'n barbaadaa’uu himame.

57

Mudde 21/2014(TOI) - Naannoo Affaaritti manneen barnootaa 759 haleellaa garee shororkeessa ABUT'n barbaadaa’uu himame.Naannichaatti haleellaa garee shororkeessa ABUT’n godinota 4fi aanaalee 21 keessatti raawwateen manneen barnoota 694 gar tokkon kan miidhamefi manneen barnoota 65 guutummaa guutuutti barbadaa’uun eerameera.

Manneen barnoota barbaadaa’an hojii deebisaani ijaaruufi hojii barnootaa itti fufsiisuf naannichaatti garee hundeessuun hojiin eeggalamus himameera.

Baajannii waliigalaa manneen barnoota barbadaa’ani kanneen deebisanii ijaaruf barbaachisuus barbaadamuun dhiyootti ifaa ni ta’aa jedhan Hogganaan Biiroo Barnootaa Naannoo Affaar, Obbo Alii Muhaamad.

Obbo Aliin hawaasinis Manneen barnoota barbadaa’an hojii deebisaani ijaaruufi hojii barnootaa itti fufsiisuf hirmannaa taasisu qabu jechuun dhaamuusaanii ragaan Ministeera Barnootarraa argame ni muldhisa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015