Diyaaspoorawwaan turtii Itoophiyaa keessa turanitti Itoophiyaan biyya roorroof tole hin jenne akka taatee uummata addunyaatti agariisuu qabu

64

Mudde, 20/2014(TOI) - Itti aanaa Ministira Muummee fi Ministirri dhimma alaa obbo Dammaqaa Mokoniin diyaaspoorawwaan turtii Itoophiyaa keessa turanitti Itoophiyaan biyya roorroof tole hin jenne akka taatee uummata addunyaatti agariisuu qabu jedhan.

Birmadummaa Itoophiyaa karaa itti fufinsa qabuun eegsisuufi adeemsaa deebisanii misoomsuu keessatti diyaaspooraan gahesaa akka bahatus waamicha taasisaniiru.

Waamicha Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad diyaaspooraan miiliyoonni tokko gara biyyaa akka dhufu taasisaaniif hordofuun miseensoota diyaaspooraa gara biyyaa dhufaniif sirni simannaa Paarkii addababaayii michummaatti taasifamaa jira.

Sirna kana irratti kan argaman obbo Dammaqaa Mokonniin diyaaspooraan waggoota muraasa darban keessattuu waggaa tokko darbe kanatti dhimma Itoophiyaarratti dursa bu'uun waltajjii addunyaarratti waa'ee haqa Itoophiyaa falmuun hojii boonsaa hojjechuu himaniiru.

Sochii qindaa'aa karaa #Gahe ykn #NoMore taasisaniinis Itoophiyaaf jiraachuu keessan kan agarsiiftan yoo ta'u Paan Afrikaniizimiif immoo akka dagaagu taasisuun gurraachota qabsoo haqaaf akka haaraatti akka itti fufu gahee baatanittu jedhaniiru.

Hojii diyaaspooraan hojjete kanaaf obbo Dammaqaan galateeffataniiru.Gareen weeraraa ABUT Ityoophiyaa salphisuuf gochoota safuu cabsan hedduu raawwachuu kaasaniiru.Uummanni weerara garee shororkeessaa kana jala ture deeggarsa keenya barbaada jedhaniiru.

Hidhannoo dippiloomaasii hidhattanii akka deebitan amantaa qabna jechuun turtii milkaa’aa akka qabaataniif hawwaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015